Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Hayyu Dureen ABO Jaal Dawud Ibsaa Hawaasa Oromoo fi Miseensota ABO Auroppaa waliin marii bal’aa gaggeesan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 10,2009) Madda Oduu Seeminaara koreen  hojii geggesitu ABO godina Awuropaa biyya Belgium magaalaa Antwerpentti  Caamsaa 23,bara 2009 qopheesse irratti Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa argamuun ummata Oromoo biyya Auroppaa irraa seminaara kana hirmaachuuf hedduminaan argameef ibsa dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi adeemsa siyaasa Ethiopia dirqin afaan qawween suphamaa jirattu fi walumaa gala dhimmoota sochii siyaasa gaanfa Africa irratti bal’inaan ibsa keennuu MOA gabaasa. Ibsoota kana irratti hariiroo siyaasaa biyyootiin Auroppaa fi mootummootiin angahoo ABO waliin qabanii fi deemsa sochii ABO biyyoota olla Oromiyaa jiraatan waliin jiru irratti dubbatanii jiru.

Miseensi Shg ABO fi gaafatamaan dhimma hawaasummaa ABO Jaal Dr,Dagafaa Tuuchoo,akkasumas Miseenotiin GS-ABO fi bakka bu’ootiin Auroppaa Jaal Dr,Shugux Galata, Jaal Aster Gammadaa akkasumas miseeni GS gadaa darbee fi buleessi ABO Jaal Dugoomsaa Caalaan argamuun MOA gabaasa.

Seminaara HDn-ABO irratti argaman kana irratti bakka bu’ootiin Kutaalee fi konyaaleen ABO Auroppaa irratti argamuun gabaafama.

Seminaara tahe kana irratti beektotiin Oromoo gama isaaniin haala sochii siyaasaa fi mirga dhala namaa Ethiopia keessaa irratti hirmaattota seminaaraaf ibsa bal’aa keenanii jiru.  

Mata-dureelee fi haalota itti aanu irratti beektoti qoodaa fi ibsa seminaara irratti keenanii jiru.

1ffaa. Dhibdee Walabummaa Seeraa Impaayera Itoophiyaa irra itti ibsa kan kenne Jaale Tashaalee Abarraa, abbaa seeraati;
2ffaa. Garaagrummaa mooraa QBO keessatti dhalatan maddaa  fi Furmaata isaa irra itti barnoota kan keenan Dr. Alamayyoo Birruu, ogessa Sayinsii Philosophaati;
4ffaa.  Gufuulee ABO Mudatanii fi Bu’aa Galma’anii jiran irra itti ibsa kan kenne Jalle Dhugomsaa Dhugasaa, miseensa gumii saba ABO gadaa dabireeti;
5ffaa.  Qooda Dubbartootaa QBO fi Tajaajila Hawaasaaf kan jedhu irra itti ibsa kan kennite, Jalle Angatuu Balchaa; fi                                       
6ffaa. Adeemsa hojii  waldaa gargaarsa Oromoo (ORA) irra itti Jaalle Lidiyaa Namarraa, miseensa gumii sabaan ibsi kennameera.

Oslo, Norway

Kanuma waliin wal qabatee gabaasaan MOA akka addeessutti, Jaal Daawud Ibsaa Waxabajjii 6,bara 2009 magaalaa guddittii biyya Norway Oslo itti kanneen argaman miseensotaa fi hawaasa Oromoo Norway jiraatuuf ibsa fakkaataa kennaniiru.

Wal-gahichi kutaa lamatti kan qoodame yeroo ta’u kutaa jalqabaa keessatti J/Dawud jijjiirama gaanfa Afrikaatti deemaa jiru adeemsa QBOn wal-qabsiisuun, hariiroo biyyota ollaa waliin qabnu, haala jeequmsaa ABOn bara 2007/2008 keessa darbe fi  dhimmoota biroo irrattis ibsa bal’aa kennaniiru. Itti fufuudhaan J/Dawud Oromoon haala fuula-dura isa eeggatuuf daddaftiin of-qopheessuu akka qabu akeekkachisanii kanaafis ciminni jarmayaa murteessaa waan ta’eef miseensotni ABO kana gaariitti hubachuudhaan akka miseensa tokkoottis ta’e akka konyaa, kutaa fi walii-galaatti kan durii calaa daran cimanii akka hojjettan hubachiisaniiru. Ibsa kana booddee gaaffilee fi yaadni garaa garaa mana keessaa dhihaatanii maree bal’aan irratti geggeeffameera.   

Kutaa lammaffaan wal-gahii kanaa Jarmayaa ABO Konyaa Oslo irratti kan xiyyeeffatee dha. Sababni isaas Oslon magaalaa guddiittii Noorwee qofa utuu hin taane akka magaalaa guddittii ABO kutaa Iskaandinaaviyaa taatee tajaajilaa waan jirtuuf ciminni ABO konyaa Oslo cimina ABO kutaa kanaaf, dabalees kan walii galaaf murteessaa dha yaada jedhu irraati. Maree kana keessatti laafina qabnu fi jabina qabnu addaan baafannee jabina keenya qabannee itti fufuun laafina keenya immoo jabeeffannee irra aanuun akkaataa itti jaarmiyaan ABO haalota ammaan duraa caalaa daran biyya keessaa fi alatti hojjetu irratti bal’inaan mare gaggeessaniiru. Maree kanaan booda walgahii ibsa ejjetnoo baafachuun xumuramuu MOA Oslo irraa gabaaseera.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net